AMN – Onkololeessa 28/2017
Waraanni Matammaa jedhamu kan Godina Walloo kaabaa keessatti bobbaafame, garee finxaaleyyii Aanaa Gidaan Magaalaa Mujjaa keessa ture kaayyoo badii isaanii akka galmaan gahuu hin dandeenyeetti rukutuu isaa ajajaan kutaa kanaa Koloneel Damawaz Mangistee ibsaniiru.
Hoggantoota isaanii barbadeessuunis miidhaa guddaa irraan geehuun alattis meeshaalee waraanaa adda addaa booji’eera.
Ajajaan olaanaa kun akka jedhaniitti, tarkaanfii cimaa Raayyaan Ittisa Biyyaa finxaaleyyii kana irratti fudhateen kan ka’e magaallii kun to’annoo garee kanaa jala akka hin oollee taasifameera; akkasumas humnoota hidhatan hedduus barbadeessuu fi madeessuun alatti kilaashii, meeshaalee waraanaa duubatti hafaa ta’an hedduu booji’uu isaa dabalataanis boombii, rasaasa kilaashii fi meeshaa waraanaa hedduu booji’uu isaaniillee ibsaniiru.
Ajajaan dhibaa Tashoomaa Salamoon gama isaaniitiin raayyaan kutaa kanaa duraaniirraa kaasee rakkoolee ciccimoo hedduu damdamatee darbuun agaammii keessoo fi alaa dandeettii guddaan ofirraa qolachaa gaachana biyya dhaabe jedhaniiru.
Ammas ta’u finxaaleyyii kana irrati tarkaanfii irra deebii hin qabne fudhachuun nageenya biyyaatii fi ummataa mirkaneessuuf ga’uumsa guutuu irratti argamna jechuun ibsuu isaanii odeeffannoon toora marsaa hawaasaa Raayyaa Federaalaa irraa arganne ni mul’isa.