Deeggaraa Maanchister Yuunaayitid rifeensa murachuuf injifannoo kilaba isaa eegu ijoo dubbii ta’e jira.
Meet Firaank jedhama,ijoollummaa isaa irraa kaasee deeggaraa Maanchistar Yuunaayitid akka ture hima.
Waggaa darbe waadaa tokko gale.
Innis Maanchistar Yuunaayitid taphoota Pirimeerliigii shan hanga walitti aansee injifatutti rifeensa koo hin gabaabsu jedhe.
Erga akkas jedhee guyyaa 317 gahe. Yuunaayitis tapha shan walitti aansee hin injifanne, innis akkuma jedhe rifeensa isaa hin gabaabsine jechuun ‘Give me Sport’ gabaaseera.
Misikkir Alamaayyootiin