Dhaabbilee tajaajila damee dhuunfaa kallattii garaa garaan deeggaruu barbaachisa- Kantiibaa Adaanech Abebee

You are currently viewing Dhaabbilee tajaajila damee dhuunfaa kallattii garaa garaan deeggaruu barbaachisa- Kantiibaa Adaanech Abebee

‎AMN PLUS – Hagayya 05/2017

‎Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abebeen dhaabbilee tajaajila damee dhuunfaa kallattii garaa garaan deeggaruun baay’ee barbaachisaa ta’uu ibsan.

‎Kantiibaa Adaanech Abebeen kana kan dubbatan Faawundeeshiniin Heenook meeshaalee yaalaa fi dhiyeessii dhaabbilee fayyaa Bulchiinsa Magaalichaaf yeroo gumaachetti dha.

‎Walta’iinsi akkanaa cimee itti fufuu qaba; hiikni isaa guddaadha kan jedhan kantiibaa Adaanech, meeshaaleen wal’aansa fayyaa Faawundeeshiniin Heenook arjoome gama lubbuu baraaruun gumaacha guddaa kan taasisu yoo ta’u, galteewwan fayyaa kunneenis haala sirrii ta’een akka raabsaman himaniiru.

‎Bulchiinsi magaalichaa dhaqqabummaa tajaajila fayyaa babal’isuuf hospitaalota hedduu ijaareera kan jedhan Aadde Adaanach, dhaabbilee fayyaaf meeshaalee barbaachisan guutuuf sochiin mootummaan taasisus baay’ee barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

‎Hogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Dooktar Yohaannis Caalaa gamasaaniitiin deeggarsi Faawundeeshinii Heenook taasise meeshaalee yaalaa 133 ta’uu ibsuun, meeshaaleen kunneen qabeenya guddaa akka ta’an ibsaniiru.

‎Deeggarsi waliigalaa Birrii miiliyoona 50 ol akka tilmaamamus ibsaniiru.

‎Hundeessaan Faawundeeshinii Heenook Doktor Niwaay Argaaw hojii gaarii kana irratti hirmaachuu isaaniitti gammachuu guddaa qaban ibsanii gara fuulduraattis waliin hojjechuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru.

‎Habtaamuu Mul’ataatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply