‘Dhaabbileen amantaa bu’uura nageenyaa waan ta’aniif nagaa waaressuu fi araara labsuun tokkummaa sab-daneessa mirkaneessuu keessatti gaheesaanii bahaachuu qabu’ – Obbo Kaffaaloo Tafarraa

You are currently viewing ‘Dhaabbileen amantaa bu’uura nageenyaa waan ta’aniif nagaa waaressuu fi araara labsuun tokkummaa sab-daneessa mirkaneessuu keessatti gaheesaanii bahaachuu qabu’ – Obbo Kaffaaloo Tafarraa

AMN – Eebla 01/2017

Dhaabbileen amantaa bu’uura nageenyaa waan ta’aniif nagaa waaressuu fi araara labsuun tokkummaa sab-daneessa mirkaneessuu keessatti gaheesaanii bahaachuu akka qaban Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa himan.

Gumiin Dhaabbilee Amantaa Naannoo Oromiyaa mata duree “ Gahee Dhaabbilee Amantaa Nageenyaa fi Araaraaf” jedhuun Konfiransii nageenyaa Magaalaa Jimmaatti qopheesseera.

Konfiransii kana irratti kan argaman Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa mootummaan nageenya amansiisaa fi itti fufiinsa qabu mirkaneessuudhaan imala badhaadhina biyyaa galmaan gahuuf xiyyeeffannaa ol’aanaadhaan hojjataa jira jedhan.

Dhaabbileen amantaa bu’uura nageenyaa waan ta’aniif nagaa waaressuu fi araara labsuudhaan tokkummaa sab-daneessa mirkaneessuu keessatti gahee adda durummaa bahaachuu akka qaban dhaamuusaanii Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaarraa odeeffanne.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply