Dhaabbileen Amantaa humna misoomaafi nageenyati – Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee

You are currently viewing Dhaabbileen Amantaa humna misoomaafi nageenyati – Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee

‎AMN PLUS Caamsaa 05/2017

Dhaabbileen Amantaa humna misoomaafi nageenyaaa ta’uu Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee himan.

‎Konfiransiin dhaabbilee Amantaa idil addunyaa 3ffaan Magaalaa Finfinneetti taa’amuu eegaleera.

‎Konfiransichirratti Pirezidaantii FDRI Taayyee Atsqasillaaseefi Dura Taa’aa Gamtaa Afriikaa Mahaammad Alii Yusuuf dabalatee bakka bu’oonni dhaabbilee Amantaa biyyoota garaa garaa argamaniiru.

‎Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaaseen dhaabbilee amantaa humna guddinaa,mosomaafi nageenyati jedhan.

‎Barnootni amantaa namoomaarratti xiyyeefata kan jedhan Pirezidaanti Taayyeen,akkaataa barnootni amantaa ajajuun hojjachuun barbaachisaadha jedhan.

‎Itiyoophiyaa keessatti hirmaannan dhaabbilee amantaa gama maraan olaanaa ta’uu himanii,marii biyyaalessaa keessatti hirmaannaa hooggantoota dhaabbilee amantaa akka fakkeenyatti kaasaniiru.

‎Dura Taa’an Gamtaa Afriikaa Mahaammad Alii Yusuuf, Itoophiyaan amantaa hedduu keessummeessuun biyya fakkenya taatedha jedhan.

‎Hooggantoonni dhaabbilee Amantaa Afriikaa, guddina, misoomaafi nageenya Afriikaaf Sagalee ta’uu akka qaban dhaamaaniiru.

‎Guddataa Ajjamaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply