Dhaabbileen magaalaa Finfinnee saddeet waloon hojjechuuf waliigaltee mallatteessan

You are currently viewing Dhaabbileen magaalaa Finfinnee saddeet waloon hojjechuuf waliigaltee mallatteessan

AMN PLUS- Onkoloolessa 13/2018

Dhaabbileen qindoominaan hojjachuu isaaniitiin sirna baruu fi barsiisuuf kan haala mijeessee fi qulqullina barnootaa kan mirkaneesse akka ta’e himame.

Milka’ina hojii kanaaf Kilaastari Misooma Hawaasummaa hojii bara baajataa 2018 irratti Biiroo Barnootaa Bulchiisa Magaalaa Finfinnee waliin waliigaltee hojii mallateessera.

Kilaastara Hawaasummaa waliin hojjachuuf Dhaabbileen saddeet qindoominaan hojjachuuf Waliigaltee mallateessaniiru.

Sirna mallattoo kana irratti gabaasni Raaawwii hojii kurmaana tokkoffaa kan bara kanaa dhihaachuun irratti mari’atameera.

Sirni mallattoo kun Biiroo Fayyaa, Biiroo Dhimma Dubartootaa Daa’immanii fi Hawaasummaa,

Biiroo Dhimma Dargaggootaa fi Ispoortii, Mana Kitaabaa Abirihoot, akkasumas Dhaabbilee Siviikii sadii kan of-keessatti hammateedha.

Hojilee Kilaastara Hawaasummaa kanaan ni hojjatamu jedhamanii kan adda bahan keesaa haqummaa fi walgahiinsa barnootaa fooyyesuu, qulqullina barnootaa mirkaneessuu, Eegumsa haawasummaa hammataa ta’e diriirsuu, akkasumas manneen barnootaa sadarkaan isaanii gadi aanaa ta’an gahoomsuu fa’adha.

Sirni Mallattoo kun qulqullina barnootaa foyyeessuu fi mirkaneessuuf gahee guddaa akka qabu Hogganaan Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi Walitti Qabaan Kilaastara Misooma Hawaasummaa Dr. Zalaalam Mulaatuu dubbataniiru.

Koreen Tekinikaa biirolee, dhaabbilee fi qaamolee siivikii irraa walitti babahe hundaa’uun hojii kana fiixaan baasuuf hojjatamaa jiraachuu waltajjicha irratti ka’eera.

Maanuwaalii hojii fi Karoora qaphaa’ee irratti mari’ataamaa turuu fi hojiin hanga ammaatti kilaastara Misooma Hawaasummaa kanaan hojjatame jajjabeessa ta’uu waltajjii sirna Mallattoo kanaa irratti himameera.

Manneen barnootaa Kanaan dura giddugala soorata hin qabne gara 300tti dhihaatan hojii qindoominaan hojjatame kanaan giddugala soorataa argachuu danda’aniirus jedhameera.

Mana jireenyaa barsiisotaa mijeessuu, Sarkaa guddinaa barsiisotaa hojjachuu fi jijjiirrraa barsiisotaa aanjeessuu keessatti Waldaan Barsiisotaa Magaala Finfinnee adda durmmaan hojjataa jiraachuunis gabaasa raawwii kurmaana tokkoffaa kana irratti ka’eera.

Bayyanaa Taaddasaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply