Injiffannoon Atileetota Itoophiyaa Guyyaa Cichoominaan yoo ibsamanu
Biyya isaanii bakka bu’uun waltajjii idil-addunyaa irratti alaabaa biyyaa isaaniiti jedhanii gatii guddaa kaffalaniiru. Kufanii ka’aniiru. Maraatoonii dadhabsiisaa irraa kaasee hanga dorgommii tiraakii hunda cichoominaan gatii isaan irraa eegamu kaffalaniiru.
Atileetota Afrikaaf fakkeenya kan ta’an Shaambal Atileet Ababbaa Biqilaa irraa kaasee hanga Maammoo Waldeetti, Miruts Yifaxar irraa hanga Darartuu Tulluu, Hayilee Gabra Sillasssee irraa hanga Faaxumaa Roobaa, Gazzaany Abaarraa irraa hanga Qananiisaa Baqqalaa fi Silashi Siyin, Xuruneesh Dibaabaa hanga Masarat Daffaariifi kanneen biroo atileetotni hedduun maqaa biyya isaanii ol kaasuuf cichoominaan kan dhaabbatan baay’eedha.
Kan nama ajaa’ibu baay’een isaanii dorgommii dadhabsiisaa jedhaman keessatti dorgomtoota isaanii waliin dorgomuu qofa osoo hin taane dhukkubbii waliin wallansoo qabuudhan gatii biyyaaf kaffalamu addunyaatti agarsiisaniiru.

Atileet Ababbaa Biqilaa Itoophiyaa Olompikii wajjin qofa osoo hin taane meedaaliyaa warqee hedduun hawwaa ture Daandiiwwan Roomaa irratti cichoominaan milkeessuun guutuu addunyaatti kan beeksise gonkumaa hin dagatamu.
Yeroo biyyoonni Afrikaa hedduun guutummaatti bulchiinsa kolonii jalaa hin bahin san Olompikii biyyoota muraasa qofaaf xiyyeeffannaan itti kenname lammiin Itoophiyaa aspaaltii nama gubu irra miila qullaa fiigicha maaraatoonii kiiloo meetira 42 fiige kan injifate Afrikaanotaaf injifannoo qofa osoo hin taane, fakkeenya cichoominaa ta’e.
Waggaa 18 dura ture. Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Jaappaan Oosaakaatti taasifame irratti dhukkubbii garaachaan rakkachaa kan turte atileet Xuruneesh Dibaabaa dorgommii meetira kuma 10 dubartootaatiin kan injifatte waan dagatamuu miti.
Dirree atileetotni ciccimoon hedduun itti argaman keessatti atileetiin kun cichoominaan dhaabbachuun qormaanni baay’atuus yoo biyyaaf dhaabbatan homaa akka hin taane agarsiisteerti.
Jireenya ishee keessatti qormaanni akkanaa mudatee kan hin beekne Xuruneesh Dibabaa erga dorgommii sana xumurtee booda, “osoo waltajjii biraa ta’ee fiigicha dhiistee addaan kuta” jette, garuu dhimma biyyaati waan ta’eef cichoominaan dhaabbachuun biyyaaf gatii qabdu agarsiifteerti. Kun seenaa atileetota Itoophiyaa hedduuti.

Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Buudaapest irratti atileet Gudaaf Tsaggaaye meetira kuma 10 irratti kan hirmaatte naannoo marsaa 8ffaa irratti miidhan jilba irra gahee ture. Jilbishees ni dhiiga.
Dhukkubbii waliin dhiisii fayyaa guutudhaanuu bakka atileet Siifan Haasan argamtutti dorgomuun kan ulfaatu dhukkubbii ishee obsuudhan dorgommii kanaan meedaaliyaa warqee kan injifatte yaadannoo yeroo dhiyooti.
Waltajjuma kana irratti atileetii Yaalamzarfi Yawaalaw maaraatoonii dubartootaa dadhabsiisaa kana irratti hanga of wallaaltutti fiigdee xumuruun cichoominaan biyyaaf kan dhaabbatte namoonni baay’een waan irraffatanii miti.
Tikkii Galaanaa dhukkubbii hamaan maaraatoonii xumurtee Warqee kan argamsiiste mallattoo cichoominaa biraati.
Mootii tiraakii Hayilee Gabrasillaasee dabalatee atileetotni hedduun waltajjiiwwan gurguddoo irratti cichoominaan dhaabbachuun fakkeenya qabu.