AMN- Mudde 16/2017
Misoomni Koriidarii Baadiyyaa qonnaan bultoota fayyadamtoota Teeknooloojii taasisuufi kara ammayyaan akka oomishaniif deeggaruu Miseensi Koree Hojii Raawwachiistuu Paartii Badhaadhinaa fi Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.
Misoomni koriidarii Naannichatti eegalaman faayidaa gama hedduu qabaachuu Pireezidaanti Shimallis ibsaniiru.
Ummanni Itoophiyaa baadiyyaa jiraatu bu’uura diingadee biyyaattii ta’uu ibsuun, hoggansii fi akkaataa jiruuf jireenyaa keessa garuu rakkoon jiraachuu kaasaniiru.
Misoomni Koriidarii Baadiyyaa qonnnaan bulaan Aadaafi dudhaa isaa eeggatee oyiruu qulqulluu,Lukkuu, Kuduraalee fi muduraalee akkasumas oomisha Dammaa fi Annaniin badhaadhe taasisuu fi jiruuf jireenyaa ammayyaa’aa akka hordofu taasisuu fi jedhan.
Bu’uuraalee misooma foyyaa’aa ijaaruun garaagarummaa baadiyyaa fi Magaalaa gidduu jiru kan dhiphisu ta’uu ibsuu isaanii Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.