“Diimokiraasummaan Gadaa, haasaafi hawwii miti, dhugaa lafa jiruudha” – Raajii Yeshiixilaa Machii (PhD)

You are currently viewing “Diimokiraasummaan Gadaa, haasaafi hawwii miti, dhugaa lafa jiruudha” – Raajii Yeshiixilaa Machii (PhD)

‎AMN PLUS- Sadaasa 9/2018

‎Sirni Gadaa Diimokiraatawaadha yoo jennu haasaafi hawwiin osoo hin taane barootaaf Oromoo waliin kan jiraate ta’uu Barsiisaa Wangeelaafi Barreessaan, Raajii Yeshiixilaa Machii (PhD) himan.

‎Dooktar Yeshiixilaan turtii AMN PLUS Qophii Kaaribuu waliin taasisaniin “Gaafa Gadaa jedhamu akka waan waaqeffaannaa wayiitti ilaalu malee sirna bulchuu akka ta’e namni hin hubatin jira” jedhani.

‎Diimokiraasiin addunyaan amma faarsitu, aadeffannaa uummata Oromoorraa hatani malee kan mataa isaanii hin qabani jedhan.

Ameerikaanuu aangoo marsaa lamaan waggaa saddeetitti dabarsuu dirqama kan goote Gadaa bu’uureffatte akka ta’e amantaa qaban himaniiru.

Dimookiraasiin tolaan osoo hin taane gaafattee, barreessite, dubbattee, walii galteen falmachuun kan argattudha jedhu Barsiisaa Wangeelaafi Barreessaan Raajii Yeshiixilaa Machii (PhD) himaniiru.

‎”Diimokiraasummaan Gadaa, haasaafi hawwii miti dhugaa lafa jiruudha” jedhan. Ijaarsi Gadaa Kuush irraa dhufe, Kuush immoo Afrikaa akka ta’e kaasan.

‎Itoophiyaan biyyoota alaatii Dimokiraasii bitattu hin qabdu kan jedhan Dooktar Yashiixilaan, warri alaa qabeenya qofa osoo hin taane seenaa hataniillee fudhatan jedhan.

‎Ammas diimookiraasiif warri farra ta’an, warreen naannoo akkasii bakka buuna, as keessaa kaane jedhani jechuun maqaa gaarii biyyaa balleessa jechuun sabni keenya tapha sana keessa hin jiru jechuun dubbataniiru.

‎Yeroo ammaas kitaaba ” Duudhaalee Oromoo Ijaarsa Diimookiraasii Afiriikaa keessatti” jedhu Karaa lamaan akka barreessanii xumuran himaniiru.

‎Kitaaba isaanii kanas Sadaasa 14/ 2018 Giddugala Aadaa Oromoo Magaalaa Finfinneetti akka eebbisiisan ibsaniiru.

‎Daraartuu Tarreessaatiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply