AMN – Amajjii 9/2917
Diinagdeen Itoophiyaan ijaaraa jirtu haala jijjiiramaa addunyaa kan hubate, dandeettiiwwan jiran cimsuun kan gara dameewwan haaraatti ceesisu ta’uu Ministtirri Tajaajila Koominikeeshinii Mootummaa Laggasaa Tuulluu (Doktar) ibsaniiru.
Akkasumas kan dinagdee damee dhuunfaa jajjabeessuu fi cimsu, kan kalaqa bara fulduuraa fi diinagdee dijiitaalawaa furguggeessu ta’uus eeraniiru.
Ministirrichi ibsa har’a dhimmoota adda addaa irratti kennaniin Diinagdee Itoophiyaan ijaaraa jirtu ilaalchisee akka dubbatanitti, bu’uura diinagdee sirrii ta’e ijaaruudhaan qonna, warshaa, tuurizimii, albuudaa fi dinagdee dijitaalaaf xiyyeeffannoo madaalawaa kan kennuudha.
Sirna faayinaansii itti fufiinsa qabu uumuun biyyattii dhiibbaa liqaa irraa bilisa kan taasisu ta’uu ibsuun, kana dhugoomsuufis yeroo dhihoo asitti rakkoolee caasaa yeroo dheeraaf biyyattiin itti rakkachaa turte furuu fi guddina itti fufiinsa qabu galmaan ga’uuf haaromsa diinagdee gooroo eegaluu ishee yaadachiisaniiru.
Fooyya’iinsi kun dinagdee biyya keessaa dhimmoota bu’uuraa afur kan of keessaa qabu yoo ta’u isaanis utubaa sagantaa bara gidduu galeessaa lammaffaa ta’uu isaanii ibsaniiru.
Warqiinaa Abbiyootu gabaase