AMN- Sadaasa 30/2017
Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen Ministira Muummee Itti Aanaa Riippaablika Cheek Maariyaan Juurkaa waliin mari’ataniiru.
Dooktar Girmaan Amanteen Itoophiyaatti Misooma Qonna Qamadii,Maaddii Guutuu fi Ashaaraa magariisaan bu’aa argame ilaalchisee ibsa taasisaniiru.
Oomishaa fi oomishtummaa caalmaatti guddisuuf Mootummaan Itiyoophiyaa Riippaablika Cheek waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu kaasaniiru.
Ministirri Muummee Itti Aanaan Riippaablika Cheek Maariyaan Juurkaa gama isaaniin hojiilee misoomaa Mootummaan Itiyoophiyaa hojjetaa jiru qindisiifachuun, biyyi isaanii dhiyeessa teeknooloojii qonnaa fi misooma Beelladaarratti mootummaa Itoophiyaa waliin tumsaan hojjechuuf murannoon jiraachuu ibsaniiru.
Jilli Maariyaan Juurkaan durfamu meeshaalee qonnaa, Tiraaktirootaa fi giddugala qindeessa meeshaalee qonnaa mooraa Koorporeeshiniin Hojiilee Qonna Itoophiyaa keessatti argamu daawwachuu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.
All reactions:
58You and 57 others