Dr. Abiyyi Pirezidaantii Zaambiyaa waliin mari’atan

You are currently viewing Dr. Abiyyi Pirezidaantii Zaambiyaa waliin mari’atan

AMN PLUS- Guraandhala 7, 2017

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyi Ahimad Preezidantii Zaambiyaa Hakaayindee Hikleemaa waliin mari’ataniiru.

Pireezidaantichaa waliin taasisan dameewwan aanniisaa fi geejiba qilleensaa dabalatee dhimmoota garlamee fi naannawaarratti bal’inaan mari’achuu Dooktar Abiyi gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Jalbultii Yaa’ii Gamtaa Afrikaarratti sirna addunyaa yeroodhaa yerootti jijijjiiramaa jiru keessatti faayidaa sadarkaa ardii fi tokkummaa qabaachuu irratti xiyyeeffachuun mari’achuu kaasaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply