Miseensonni Waldaa Balaliistota Daandii Qilleensa Ityoophiyaa, Humna Qilleensaa Ityoophiyaa waliin tumsaan akka hojjetan himan

You are currently viewing Miseensonni Waldaa Balaliistota Daandii Qilleensa Ityoophiyaa, Humna Qilleensaa Ityoophiyaa waliin tumsaan akka hojjetan himan
  • Post category:Itoophiyaa

Waldaan Balaliistotaa Itiyoophiyaa, Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf qophii ta’uu beeksise.

Miseensonni waldichaa Humna Qilleensaa Itiyoophyaatti daawwanna muuxannoo waljijjiirraa taasisaniiru.

Humni Qilleensaa ergama siyaasaa, gosa, amantaa fi kanneen biroorraa walaba ta’uu himanii, dhaabbatichi ergama isaa walabummaan kan raawwatu ta’uus dubbataniiru.

Balaliistonni Daandii Qilleensaa kana tilamaama keessa galchuun ergama diigumsaa kamuuf bakka utuu hinkennin kabaja biyyaaf ittigaafatama isaanii bahachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Pireezidantiin Waldaa Balaliistotaa Itiyoophiyaa Kaappiteen Mikaa’eel Sintaayyoo gama isaaniin Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa fi Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa biyyaattii keessaa dhaabbilee maqaa gaarii qaban ta’uu ibsaniiru.

Dhaabbileen kunneenis waliin hojjechuuf dhimmoota dandeessisanirratti walta’iinsaan hojjechuun biyya isaanii gara guddina caaluutti ceesisuuf kan hojjetan ta’uu eeruu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review