Emireetonni Araba Gamtoomanii gaaffii miseensummaa Itoophiyaan Baankiin Misooma Haaraa ʼNew Development Bank̕ ta’uuf gaafatte ni deeggarti

You are currently viewing Emireetonni Araba Gamtoomanii gaaffii miseensummaa Itoophiyaan Baankiin Misooma Haaraa ʼNew Development Bank̕ ta’uuf gaafatte ni deeggarti

AMN PLUS- Ebila 6/2017

Emireetonni Araba Gamtoomanii gaaffii miseensummaa Itoophiyaan ʼNew Development Bank̕ ta’uuf gaafatte karaa boordii akka dhiyaatuuf tumsa akka taasiftu beeksifiteetti.

Emireetota Araba Gamtoomaniitti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Umar Huseen (Dr.) Ministeera Maallaqaa Emireetota Araba Gamtoomaniitti Daareektara Hariiroo Faayinaansii Idil-addunyaa fi Bakka Bu’aa ʼNew Development Bank̕ Tuuraya Alihaashimi waliin mari’ataniiru.

Ambaasaddar Umar yaalii Itoophiyaan miseensa ʼNew Development Bank̕ ta’uuf dhiheessite Emireetota Araba Gamtoomanii tumsa akka taasiftu waamicha dhiyeessaniiru.

Daarektarrii fi bakka bu’aan Baankichaa gama isaaniitiin gaaffiin miseensummaa Itoophiyaa boordiichaaf akka dhiyaatu fi fudhatama akka argatuuf biyyi isaanii akka tumsitu mirkaneessuu isaanii Imbaasii Itoophiyaa Emireetota Araba Gamtoomanii waabeffachuun TOI’tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply