Evartan Jaak Giriilish mallatteessisuuf walii galeera

You are currently viewing Evartan Jaak Giriilish mallatteessisuuf walii galeera

‎AMN PLUS – Hagayya 05/2017

Evertan ‎Jaak Giriiliish ergisaan fudhachuuf waliigalteerra gahe.

‎Taphataan lammii Ingilizii ganna 30 kun Peep Gaardiyoolaan filannoon ala ta’uun kilabicha gadhiisuuf jira.

‎Kilabichaaf jijjiirraa rikardii olaanaa galmeessise Yuuroo Miiliyoona 100’n Astoon Viilaarraa bitamuun ni yaadatama.

Evertan waliigaltee Giriilish dhaabbataa gochuuf filannoo qaba.

‎Jijjiirraan kun sa’aatii 24 itti aanan keessatti akka xumuramu BBC Sport gabaaseera.

‎Griilish waggoota 4f Maanchistar Siitii keessatti taphatee waancaa torba injifateera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply