AMN – Bitootessa 12/2017
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Walgahii Idileesaa kaleessa kan taa’e yoo ta’u Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) gaaffiifi yaada miseenosta mana maricharraa ka’aniif deebiifi ibsa kennaniiru.
Ibsiifi deebiin Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) kennan xiyyeeffannoo dhaabbilee miidiyaa addunyaa kanneen akka BBC, Reuters , Aljazera, AP, Africa news fi MSN ta’eera.
Dhaabbileen miidiyaa kunneen keessumattuu dhimma Ulaa galaanaa, Eertiraa fi haala nageenya kaabaa dursa kennanii gabaasaa jiru.
Itoophiyaan, biyya kamiyyuu weeraruu akka hin barbaanne, garaagartummaa jiru kamiiyyuu karaa marii dippiloomaasii qofaan furtuuf kallattii kaa’uushee Aljazeran gabaaseera.
Itoophiyaan Ulaa galaanaa argachuuf keessumaa Eertiraa waliin waraanatti seenuuf fedhii akka hin qabne kan gabaasan maddeen oduu idil addunyaa kunneen, biyyattiin Galaanaa Diimaa argachuuf karaa nagaafi nagaa qofaan tattaaffii akka taasistuus eeraniiru.
Itoophiyaan Galaana Diimaa akka birmadummaa lammiilee isheetti kan ilaaltu, qaamni mormu yoo jiraates dhimmicha akka hubatu kan taasifamu ta’uu AP, Reuters fi Aljazeran gabaasaniiru.

Biyyi guddoon gaanfa Afrikaa Itoophiyaan, baay’ina Ummataatiin dursaa jiraattus Ulaa Galaanaa dhabuun ishee dinagdeeshee miidhuu kan gabaase Africa news biyyattiin biyyoota ollaa waliin misoomaafi badhaadhina walootti akka amantuus ibseera.
Maddeen odeeffannoo tokko tokko Itoophiyaan Eertiraa waliin waraanatti seenuu malti sodaa jedhurraa ka’uun yoo gabaasanis Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (Dr.) garuu biyyattiin biyya kamiinuu weeraruuf fedhii akka hin qabne dhugoomsniiru jedhan.
Inumaayyuu Itoophiyaan Gaanfa Afrikaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf, gaaga’ama naannicha keessa jiru tasgabbeessuuf gahee adda durummaa qabdu ammas irra deebiin ni bahaatti.
Dhaabbileen miidiyaa idil addunyaa kunneen Itoophiyaan rakkoo keessoo ishee mariifi marabbaan furuuf Komishiinii Marii Biyyaaleessaa hundeessitee hojjachaa jiraachuus gabaasaniiru.