Feestivaalli teemiraa Idil-addunyaa inni jalqabaa naannoo Affaar, magaalaa Samaraatti gaggeeffamuu eegale.
Feestivaalli kun har’aa eegalee guyyoota sadiif kan itti fufu yoo ta’u, pireezidaantii Naannoo Affaar Awwal Arbaa, De’eetaa Ministira Qonnaa Mallasa Mokonnin (Dr.) dabalatee, Itoophiyaatti Bakka bu’aa Ambaasaaddara Gamtaa Eemireetota Arabaa Rashid Abdallaa Shaayi akkasumas keessumootni waamichi isaaniif taasifame irratti hirmaachaa jiru.
Dabalataanis, Damee Teemiriirratti kan hojjetanii fi Gamtaa Emereetota Arabaatti ‘Innovation Palm and Agriculture Awward for Det Khalifa International’ Saa’udii fi biyyoota biroorraa hedduun hirmaataniiru.
Feestivaalii kana irratti sanyiin Teemirii fooyya’aan muuxannoof dhiyaatanii kan agarsiifamanii fi muuxannoon damee kanaan argame akka qoodamu ibsamuu isaa TOI’n gabaaseera.