Adeemsi ajandaa marii biyyaalessaa walitti qabuu sadarkaa Oromiyaatti Mudde 7 eegala

AMN- Mudde 03/2017

Marii Biyyaalessaa Waliigaltee Biyyaalessaafi mata duree jedhuun Adeemsi ajandaa walitti qabuu Akka Naannoo Oromiyaatti mudde 7 bara 2017 Magaalaa Adaamatti eegalama.

Magaalaan Adaamaas bakka buutota kutaalee hawaasaa Naannoo Oromiyaa irraa hirmaatan simachuuf qophii xumurteetti.

Komishiniin Marii biyyaalessaa Adeemsa ajandaa walitti qabuu Akka Naannoo Oromiyaatti jiru milkeessuuf qooda fudhatootaf hubannoo uumuun cinaatti haalli mijataan akka uumamuuf mootummaa naannichaafi Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu beeksiseera.

Bakka buutonni kutaalee hawaasaa ajandaa marii kana irratti hirmaatan ajandaa sabichaafi naannichi qabu kan Marii biyyaalessaaf dhihaachuu qabu harcaatiifi dagannaa tokko malee qabatanii akka dhihaataniif komishinichi waamicha dhiheessera.

Hawaasni Magaalaa Adaamaas bakka buutota kutaalee hawaasaa Naannoo Oromiyaa ajandaa Marii biyyaalessaaf gara Magaalaa isaanii dhufan simachuuf qophii ta’uu AMNtti himaniiru.

Sisaay Dirribaatu Gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply