Taphataan sarara gidduu Maanchistar Yuunaayitid Buruunoo Fernaandesh bara 2026 Liigii Sawuud Arabiyaatti makamuuf qophii ta’uu himameera.
Akka gabaasa ‘Daily Mail’itti Fernadeesh turtii bara walmorkii kana booda kilaba amma keessatti argamu Maanchistar Yuunaayitid waliin itti fufuu akka hin barbaanne ibse.
Amma dura Sawuudii Piroo Liigii irraa kaffaltii guddaan jijjiirraaf irra deddeebiin gaaffiin dhiyaatuufis yaada deeggartoota Maanchistar Yuunaayitid ilaalcha keessa galchuun gaafficha kufaa taasisuun Maanchistar Yuunaayitid waliin itti fufuuf murtesssun isaa ni yaadatama.
Bara 2020 Ispoorting Liisban irraa Maanchistar Yuunaayitiditti kana makame Buruunoo Fernaandeesh hanga ammaa Yuunaayitidiif taphoota 197 taasisee, goolii 62 lakkoofsiseera.
Gabaasa Daily Mail
Misikkir Alamaayyootu qindeesse.