Magaalaan Finfinnee yaa’iwwan gurguddoo idil-addunyaa haala milkaa’ina qabuun qopheessaa jirti jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee.
Bara baajataa darbe qofatti yaa’iwwan idil-addunyaa 150 milkaa’inaan qopheessuun keessummoota miiliyoona 1.3 ta’an simachuun akka danda’ame ibsaniiru.
Qophii yaa’ii idil-addunyaa kanarraayis birrii biiliyoona 143 ta’u gara dinagdee keenyatti galii ta’eera jechuu odeeffannoon Waajjira Kantiibaa irraa arganne ni mul’isa.
Finfinneen baatii Qaammee fi Fulbaanaatti yaa’iiwwan gurguddoo sadii, kan hirmaattota Kuma 25 ol hirmaachisan keessummeessuuf qoqophaa’aa jirti.