Finfinneen tola ooltota waan qabanirraa gumaachaniif beekamtii kennaa jirti

You are currently viewing Finfinneen tola ooltota waan qabanirraa gumaachaniif beekamtii kennaa jirti

AMN PLUS- Onkoloolessa 11/2018

Bulchiinsi Magaalaan Finfinnee tola ooltota bara 2017tti waan qabanirraa gumaachuun jireenya lammiilee jijjiiruu keessatti qooda isaanii ba’ataniif Giddugala Konveeshinii Idil addunyaa Addisitti beekamtii kennaa jira.

Sagantaa “Arjoomuun Namatti Hin Hanqisu” jedhuun geggeeffamaa jiru irratti Af yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Taaggasaa Caafoo fi Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen argamaniiru.

Beekamtii kanaan namootni dhuunfaafi dhaabbileen, birrii miiliyoona tokko irraa eegalee hanga birrii biiliyoona lamaatti gumaachuun manneen harka qalleeyyii haaressaan, kan daare uffisan, kan beela’e nyaachisaniifi hojiilee tola ooltummaa kaanirratti bobba’anillee ni badhaafamu.

Magaalichatti dhiiga arjoomuurraa eegalee, nageenya tiraafiikaa eegsisuu, kenna tajaajila fayyaa bilisaafi dameelee hedduudhaan hirmaannaan tola ooltotaa guddataa dhufeera.

Tagany Bafiqaaduutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply