Finfinneetti guyyaatti namoota miiliyoona 3fi kuma 400 oliif keenninsi taajajila geejjiba Awuutoobisii kennamaa jira

AMN- Sadaasa 02/2017

Magaalaa Finfinneetti guyyaatti namoota miiliyoona 3fi kuma 400 oliif keenninsi taajajila geejjiba Awuutoobisii magaalaa kennama jiraachuun himame.

Koreen Dhaabbii Bu’uuraalee Misoomaafi Geejjibaa Mana Maree Magaalaa Finfinnee Rawwii Kurmaana 1ffaa Bara 2017 Biiroo Geejjiba gammaameera.

Miseensonni korichaa waliin gahiinsa keenninsa taajajila geejjibaan kurmaana kanatti hojileen hedduun hojjetamuu eeranii, rakkoo damichaan muldhatuu furuuf ammayyuu hojii hedduun akka hafu kaasaniiru.

Keessattuu konkolaattota dhuunfaa taajajila geejjiba kennan gatii hin mallee hawaasarratti dabaluun rakkoo uumaa jiran irratti xiyyeeffannoo addaan hordoffiin taasifamuu akka qabu hubachiisan.

Hoogganaan Biiroo Geejjiba Magaalaa Finfinnee Obbo Yaabbibaal Addis rakkoolee keenniinsa taajajila geejjibaafi hojimata badaan wal qabatu furuuf hojiileen hedduu hojjetamu eerani, rakkoo keenninsa taajajila geejjibaan wal qabatee jiru furuufis itti fufiinsaan hojii hojjetamu keessa Awutoobisii elektirikaa 100 biyya keessa galchuuf qophirra jiraachuu himan.

Walitti qabaan Koree Dhabbii Bu’uuraalee Misoomaafi Geejjibaa Dr. Gizaachoo Ayiikaa rakkolee keenninsa taajajila geejjibaa waliin walqabataan furuuf qindoominni qooda fudhaattootaa barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Leensaa Hordofaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply