Finfinneetti Muuziyeemiin Daa’immanii ijaaramuufi

You are currently viewing Finfinneetti Muuziyeemiin Daa’immanii ijaaramuufi

AMN PLUS – Hagayya 19/2017

‎Itoophiyaa fi Cheek Rippabilik Magaalaa Finfinnee keessatti Muuziyeemii Daa’immanii hundeessuuf waliigaltee mallatteessan.

‎Ministirri Tuurizimii Salaamaawit Kaasaa har’a magaalaa Piraagitti Muuziyeemii Biyyoolessaa Cheek fi Ejensii Misooma Cheek waliin waliigaltee kana mallatteessaniiru.

‎Waliigaltichi Itoophiyaan Muuziyeemii ammayyaa daa’imman irratti xiyyeeffate isa jalqabaa akka ijaartu kan dandeessisu yoo ta’u, mootummaan Cheek deeggarsa maallaqaa ni taasisa.

‎Muuziyeemii daa’immanii dhaabbataa kun Paarkii Michoomaa Lakk. 2’tti kan ijaaramu tahuus ibsameera.

‎Muuziyeemiin daa’immanii kun daa’imman seenaa fi aadaa biyya isaanii akka baratan qofa osoo hin taane, karaa salphaa ta’een carraa kalaqaa, barnootaa fi beekumsa isaanii akka guddifatan kan taasisu ta’uu Ministirri Tuurizimii Salaamaawit Kaasaa ibsaniiru.

‎Mootummaan Cheek muuziyeemii kana hundeessuuf deeggarsa maallaqaa fi teeknikaa taasiseef galata guddaa akka qaban ibsaniiru.

‎Pirojektiin muuziyeemii daa’immanii kun daa’imman qabeenya turizimii biyyattii beekuun akka guddatanii fi guddina damichaaf gumaacha olaanaa akka taasisan akka isaan gargaaru ibsameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply