AMN – Muddee 10/2017
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee fi bulchiinsa Magaalaa Shaggar hojii nagaa fi tasgabbii waliin hojjetaiin nagaan magaalattii eeggamuu akka danda’ame hoggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaala Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa himaniiru.
Hojiiwwan hanga ammaatti hojjetamanii fi hojiiwwan ijoo gara fuulduraatti hojjetamuuf karoorfaman gamaaggamuuf waltajjiin Waajjiraalee Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii magaalota lamaanii Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Waltajjicharratti hoggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasggabbii Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaa ergaa dabarsaniin, hojiiwwan qindoomina magaalota lameeniin raawwatamaniin nagaa fi nageenya Magaala Finfinnee fi Shaggar mirkaneessuun danda’emeera jedhaniiru.
Keessattuu Magaalaa Finfinneetti hojiiwwan qindoominaan hojjetamaniin ayyaanota amantaa fi aadaa gurguddoon rakkoo nageenyaa tokko malee akka xumuraman taasiseera jedhan.
Hoggantuun Biirichaa akka ibsanitti, nagaa ummataa mirkaneessuuf qindoominaan hojjechuun dhimma akka salphaatti ilaalamu miti.
Waltajjiin marii kun dhimmoota qindoominaan hajjechuun bu’aan argame jajjabeessaa ta’uu himuun adeemscha itti fufsiisuun nagaa fi tasgabbii caalaatti amansiisaa ta’e mirkaneessuun danda’amu irratti kan xiyyeeffatu ta’uusaa eerameera.
Habtaamuu Mullataa