AMN PLUS – Muddee 24, 2017
Addis Miidiyaa Neetwork (AMN) mandhee weebsaayiti (poortaala) Bulchiinsa Nageenya Odeeffannootiin ijaarame ifatti hojii jalqabsiise.
AMN taateewwan gurguddoo addunyaa guutuutti raawwatamaniif odeeffannoo adda addaa sassaabuun saffisaan gabaasaa akkasumas teeknooloojii miidiyaa addunyaan irra gahe kaan fayyadamuun hojjechaa jira.
Chaanaaloota televizhinii lama, Raadiyoo fi gaazexaan adduunyaa maraaf odeeffannoo geessisaas jira.
AMN sadarkkaa tamsaasa isaa ol guddiisuun Poortaala weebsaayitii hojii eegalchiisuu isaa Hojii Gaggeessaa ol-aanaan AMN Obbo Kaasaahun Gonfaa ibsaniiru.
Poortaalli Bulchiinsa Nageenya Odeeffannootiin qophaa’e kun Afaanota 7n tajaajila kan kennu, yoo ta’u, odeeffannoo saffisaan, qulqullinaa fi nageenyaan argachuuf gargaara jedhameera.
Daarikteerri Itti Aanaan Bulchiinsa Nageenyaa Odeeffannoo Obbo Yoodaahee Ar’aayasillaasee akka jedhanitti, Poortaalli weebsaayitii haaraan kun haleellaa saayibarii, vaayirasii kompiitaraa fi uggurtoota odeeffannoof akka hin saaxilamneef ulaagaalee nageenyaa barbaachisoo ta’an akka guutu taasifameera.
AMN itti gaafatamummaa akka “Qaama Mootummaa Afraffaa” isaa akka bahatuufis Bulchiinsichi deeggarsa barbaachisu ni taasisa jedhan.
Kaasaahun Andu’aalemtu gabaase