Furmaatni Biyya Walabaa Lama hundeessuu “Two State Solution” rakkoo Israa’eliifi Paalastaayin gidduu akkamiin furuu danda’a?

You are currently viewing Furmaatni Biyya Walabaa Lama hundeessuu “Two State Solution” rakkoo Israa’eliifi Paalastaayin gidduu akkamiin furuu danda’a?

AMN PLUS- Fulbaana 12/2018

Rakkoo Israa’eliifi Paalastaayin waggoota 75 oliif deemaa jiruuf falli barbaadamaa ture bu’aa fiduu dhabuu isaan sodaan duguuggaa sanyii uummata Paalaastiin irratti aggaamamee jiraachuu himama.

Murtoowwan dhukaasa dhaabuu Mana Maree Tasgabbii UN dhiyeessus, Amerikaan aangoo “Sagalee Sagaleen Kuffisuu” (Veto Power) fayyadamuun yeroo 6ffaaf tibbana kuffisteetti.

Kanaafis biyyootni addunyaa hedduun yaada furmaataa ‘Biyya Walabaa Lamaa’ (Two State Solution) jedhamu deeggaruuf murtoowwan isaanii beeksisaa jiru.

Murtoon kun ammoo kan milkaa’u, jalqaba biyyoonni Paalastaayiniif beektii biyyummaa hin kennine, beekamtii kennuun Walabummaa ishee addunyaan akka beeku gochuudha.

Kanaafis kaleessa qofaa Mootummoonni Kanaadaa, Awustraaliyaa Poorchugaalii fi UK, mootummaa Paalastiiniif beekamtii biyyummaa kennaniiru.

Keessumaa UK fi Kanaadaan miseensota Gamtaa Biyyoota Garee Torbaa (G-7) ta’uun isaanii yaada furmaataa kanatti abdii horeera.

Biyyoota Miseensa UN ta’an 193 keessaas 151 beekamtii laataniiru. Kun ammoo %75 ol ta’a.

Ministirri Muummee UK, Kiir Istaarmar murtoo biyya isaanii kana yeroo labsan “Giddugala Bahaatti taatee sukkanneessaa mudataa jiruuf furmaata ta’uu mala jennee, Paalaastiiniif beekamtii kennineerra” jedhaniiru.

Yaadni ‘Furmaata Biyyoota Walabaa Lamaa’ jedhu kun jalqaba 1937 Biriteen yaadde, bara 1947tti ammoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin dhiyaate.

Karoorichis biyya Walabaa Jewishiifi Biyya Walabaa Arabaa beekamtii guutuu qaban lama dachii san irratti hundeessuun daangaa tolchuuf kan kaayyeffate ture.

Garuu karoorri kun mormii gama Israa’el irraa mudateen bara 1948tti Waraana biraa kaasise. Israa’el lafa sana %60 to’atte.

Boodas bara 1967 yeroo waraana guyyaa 6 Israa’eliifi biyyoota Arabaa gidduutti adeemsifame san Israa’el qabannaa babal’ifachuun yaadni Furmaata biyyoota lamaa jedhu gara biyya tokkootti kufe.

Dhaabbanni Walabummaa Paalastiin (PLO) Yaa’ii Biyyoota Arabaa bara 1982 booda yaada furmaataa biyyoota walabaa lama hundeessuu kun yoo mootummaan Paalaastiin lafa Westibaanki, Gaazaafi Baha Jerusaalem irratti kan hundaa’u ta’e akka fudhatu beeksisee turus Yaa’iin Waliigalaa UN beekamtiin biyyoota addunyaa waan barbaachisuuf dhiibbaa taasisaa tureera.

Paartiin Israa’el bulchaa ture Likuud yeroo san biyyummaa Paalaastiin erga mormee booda, biyyoonni michuu Israa’el ta’anis beekamtii dhowwatan.

Amma garuu sun jijjiiramaa dhufeera. UKn kaleessa Paalaastiiniif beekamtii laachuun biyya 150ffaa taateetti.

Faransaayi, Beljeem, Lugzambarg, Maaltaafi biyyoonni kaanis dhiyeenya beekamtii laatu jedhameera.

Garee biyyoota 20 (G-20) keessaa biyyootni 13 beekamtii kennaniiruufi.

Xiinxaltoonni tokko tokko beekamtiin kennamaa jiru kun tarkaanfii murteessaa ta’us kun qofaan garuu rakkoo gadi fagoo Paalaastiin hin furu jedhu.

Inumaa hawaasni idil addunyaa waa’ee Gaazaa callisee ilaaluu isaaf dogoggora seenaa hojjetan jalaa dhokachuuf beekamtii kana kennaa jiru kan jedhanii qeeqanis jiru.

Aljeeriyaan bara 1988tti Paalaastiiniif beekamtii laachuun biyya Jalqabaati, UKn ammoo biyya 150ffaa taateetti.

Har’a Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Niwuyoorkitti geggeeffamu booda, biyyoonni hedduun beekamtii walabummaa Paalaastiiniif akka labsan eegama.

Itoophiyaan Guraandhala 4, bara 1989 beekamtii guutuu Paalastiiniif laachuun ni yaadatama.

Furmaatni biyya walabaa lama jedhu kun mariiwwan dabalataa waan barbaaduuf Faransaayifi Sawudii Arabiyaan yaa’ii qopheessuuf fedhii agarsiisaniiru.

Tagany Bafiqaaduutiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply