Gaarri Saannatee kan karaan konkolaataa keessa qaxxaamuru ta’uu isaatiin Afrikaa irraa kan jalqabaa isa taasisaa- Biiroo Aadaa fi Tuurizimii oromiyaa

You are currently viewing Gaarri Saannatee kan karaan konkolaataa keessa qaxxaamuru ta’uu isaatiin Afrikaa irraa kan jalqabaa isa taasisaa- Biiroo Aadaa fi Tuurizimii oromiyaa

AMN PLUS- Ebila 6/2017

Qaama Paarkii Gaarreewwan Baalee keessaa tokko kan ta’e Saannateen lafa olka’iinsi isaa m3100 – 4377 gidduutti kan argamu yoo ta’u, Itoophiyaa keessatti olka’iinsaan sadarkaa 2ffaa irratti argama.

Saannateen kan argamu Naannoo Oromiyaa, Godina Baalee Aanaa Goobbaatti yoo ta’u, Finfinnee irraa fageenya km 462, Magaalaa Godina Baalee Roobee irraa km 32 fi Magaalaa Aanichaa Goobbaa irraa km17 irratti argama.

Haalli qilleensa Saannatee baay’ee diilalla’aa kan ta’eefi mukeen gaggabaaboo ‘Saatoo’ jedhamuufi marga adda addaan haguuggamee jira.

Gola Saannatee keessa bineensota biyya keenya qofatti argamtu Jeedala Diimtuu dabalatee Tuqaa Guddaa akkasumas sanyii biqiltootaafi allattiiwwanii hedduu keessatti argamu.

Gaara Saannatee keessa karaan Magaalaa Goobbaa gara Magaalaa Dalloo Mannaa deemu jidduu qaxxaamuree darba.

Saannateen lafa olka’iinsa M 4100 qabu kan karaan konkolaataa keessa qaxxaamuru ta’uu isaatiinis Afrikaa irraa kan jalqabaa taasisaan.

Uumaa addaa, kennaa waaqaa kana irra dhiibbaa nam-tolcheen miidhaan irra gahaa jiru harka akka hin kennachiifneef ni sodaatama.

Akka waliigalaatti Saannatees dabalatee paarkii biyyoolessa gaarreen Baalee kan heddumina lubbuu qabeeyyii biqilootaafi bineensotaan hangafa ta’e kun dhamaatii Mootummaa Naannoon Oromiyaa, Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaa, qaamolee qooda fudhattoota sadarkaa federaalaatii hanga caasaa gadii taasifameen bara darbe karaa milkaawaa ta’een UNESCOtti galmaahuu danda’ee jira.

Biiroon Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa iddoo hawwataa, miidhagaafi hawwataa gahumsa Tuurizimii kana akka daawwattan affeerra dhiyeessuu isaa biricharraa odeeffanne.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply