
AMN- Amajjii 11/2017
Artistiin beekamaan Inqusillaasee Warqi’aganyehu du’aan addunyaa kanarraa boqochuu isaanii odeeffannoon Raas Tiyaatira irraa argame ni mul’isa.
Artistiin gameessii kun dhukkubsate wal’aansi isaaf yeroo taasifamaa turetti du’aan addunyaa kanarraa boqochuun himameera.
Artist Inqusillaasee Warqi’aganyehu wayita lubbuun jiranitti damee aartii keessatti diraamaa, fiilmii fi hojiiwwan tiyaateraa adda addaa hojjechuun guddina aartii Itoophiyaa keessatti ashaaraa mataa isaanii dhalootaaf kaa’anii darbaniru.
Addis Miidiyaa Neetwork du’an boqochuu Artistii beekamaa Inqusillaasee Warqi’aganyehutti gadda guddaa itti dhahame ibsaa maatii fi firaoottan akkasumas jaallattota isaaniitif jajjabina hawwa.
Kaasiyyee Maanguddaatu gabaase
All reactions:
192You and 191 others