‎Gaazexeessitoonni Afriikaa waa’ee jijjiirama Finfinnee maal jedhan?

‎AMN PLUS-Fulbaana 10/2018

‎Jijjiiramaa fi guddina ariifataa Magaalaan Finfinnee galmeessaa jirturraa biyyootni Afrikaa barumsa fudhachuu akka qaban gaazexeessitoonni Afrikaa ibsan.

‎Ogeeyyiin miidiyaa biyyoota Afrikaa adda addaa irraa dhufan Godambas Biyyaalessaa Itoophiyaa fi daandiiwwan gurguddoo Magaalaa Finfinnee daawwataniiru.

‎Gaazexeessaan Jaaksan Okaataa Keeniyaa irraa yeroo jalqabaaf Magaalaa Finfinnee kan daawwate hima. Bareedinni ishee kan dhagaherra akka caalu dubbata.

‎Daandiiwwaniifi misoomni magariisaa magaalatti keessatti hojjetame moodala magaalonni Afrikaa hundi hordofuu qaban akka ta’e ibsaniiru.

‎Gaazexeessituun Kaatiriin Teemboo Maalaawii irraa kan dhufte Magaalaa Finfinneetti akka gammadde dubbati.

‎Gaazexeessituun lammii Keeniyaa Agaataan Goozoo kanaan dura Finfinnee daawwatteetti. Amma waan baay’een jijjiiramuudha himti.

‎Gaazexeessaan Ruwaandaa Misheel Kuziizaam namni dhufee Magaalaa Finfinnee daawwate muuxannoo biyya isaaf qoodu akka qabu ibsa.

‎Magaalaa Finfinnee hojiilee misooma magaalaa keessaa saffisaan kan hojjette ardii Afrikaatiif fakkeenya gaarii akka ta’e gaazexeessittoonni kunneen ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply