Galiin magaalaatti Adoolessa keessa walitti qabame kan bara darbeetiin dhibbeentaa 50n caala- Biiroo Galii Magaalaa Finfinnee

You are currently viewing Galiin magaalaatti Adoolessa keessa walitti qabame kan bara darbeetiin dhibbeentaa 50n caala- Biiroo Galii Magaalaa Finfinnee

AMN PLUS- Hagayya 12/2017

Galiin sadarkaa magaalaatti Adoolessa keessa walitti qabame kan bara darbeetiin wal bira yoo qabamu dhibbeentaa 50’n akka caalu Biiroon Galii Magaalaa Finfinnee beeksise.

Biiroon Galii magaalaa finfinnee ji’a Adoolessaa keessa sadarkaa magaalaatti Birrii Biiliyoona 26.54 walitti qabuuf karoorsee Birrii biiliyoona 26.24 walitti qabuun karooricha dhibbeentaa 98.8 galmaan ga’eera.

Sadarkaa biiroo galiitti birrii biiliyoona 21.8 sassaabuuf karoorfame birrii biiliyoona 22.56 walitti qabuun karoora kana dhibbeentaa 103 galmaan gahuu isaa odeeffannoon Daayiraaktarri Kominikeeshinii Biiroo Galii Magaalaa Finfinnee Obbo Sawunnat Ayyalaa AMN Dijitaaliif odeeffannoon ergan ni mul’isa.

Ragaan akka agarsiisutti galiin akka magaalaatti ji’a Adoolessaa keessa walitti qabame kan bara darbe ji’a walfakkaatuun walbira qabamee yoo ilaalamu Birrii biiliyoona 8.7 yookaan dhibbeentaa 50n dabaleera.

Bara baajataa kana keessatti Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee sadarkaa magaalaatti Birrii biiliyoona 350 walitti qabuuf galma kan kaa’e yoo ta’u, kana keessaa Birriin biiliyoona 256 Biiroo Galiiwwaniin walitti qabuuf karoorfamee jira.

Yaalawu Geetaanaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply