Gareen “Hidhattoota Qimaant” ofiin jedhu waamicha nagaa mootummaan dhiheesse fudhachuun karaa nagaa galuuf waliigaltee irra gahe

AMN – Sadaasa 23/2017

Gareen “Hidhattoota Qimaant” ofiin jedhu waamicha nagaa mootummaan dhiheesse fudhachuun karaa nagaa galuuf waliigaltee irra gahuun isaa ibsame.

Garichi haala mijeessuu jaarsolii biyyaatiin marii taasifameen waamicha mootummaan nagaaf dhiyyeesse fudhatee waliigaltee irra gahamuu isaa qindeessaan Mana Maree Nageenyaa Godina Gondar Lixaa Birgaadiyeer Jeneraal Abdallaa Mohaammad himaniru.

Mootummaan hidhattoota gara nagaatti deebi’an deeggarsa barbaachisu akka taasisu Birgaadiyeer Jeneraal Abdellaa Mohaamad ibsaniiru.

Hidhattoonni kunneen ummata isaaniitti makamuun maanguddoota, hooggantoota gandaa fi qaamota mootummaa waliin hojjechuuf waliigaluun isaanii TOItu gabaasee.

All reactions:

249249

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply