Geediyoon Xiimootiwoos (PhD) Pirezidaantii COP32 ta’uun ramadaman

You are currently viewing Geediyoon Xiimootiwoos (PhD) Pirezidaantii COP32 ta’uun ramadaman

AMN PLUS – Sadaasa 17/2018

Itoophiyaan Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa UN 32ffaa kan bara 2027 akka qopheessituuf filamuushee hordofee, Dooktar Geediyoon Xiimootiwoosiin Pirezidaantii Yaa’ii COP32 ta’uun ramadaniiru.

Dooktar Geediyoon hojii dhimma alaan dabalata, hoggantoota hojii biyya keessaa, qaamolee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, dhaabbilee tumsitoota idil-addunyaa waliin ta’uun qophii yaa’ichaa kan hogganan ta’a.

Mootummaan FDRI carraa Miseensonni dhaabbatichaa kennaniif galateeffachaa qindeessummaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoosiin Hawaasa Eegumsa Qabeenya Qilleensaa waliin dhiyeenyaan hojjechuuf qophii ta’uu odeeffannoon waajjira Ministira Muummeerraa arganne ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply