Giddu galeessa Wal’aansa Istirookii ijaaramuuf deggersa ni taasisna- Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Giddu galeessa Wal’aansa Istirookii ijaaramuuf deggersa ni taasisna- Kantiibaa Adaanech Abeebee

‎AMN PLUS- Hagayya 27/2017

‎Dhukkubsattootaa fi maatii biyya alaa deemanii wal’aanamuu hindandeenye kan boqochiisu giddugalli wal’aansa Istirookii ijaaramuuf akka jedhu kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.

‎Istirookiifi dhibeewwan daddarboo hin taane yeroodhaa yerootti babal’achaa akka dhufan kan ibsan Kantiibaa Adaanach, kanneen Faawundeeshinii Giddu gala Istirookii tajaajila hundumaa of keessaa qabu kanaijaaruuf kaka’umsa agarsiisan galateeffataniiru.

‎Giddu galeessichi ijaaramee yeroo hojii eegalu, sadarkaa ardii Afiriikaatti wal’aansa biyyoota murtaa’an keessatti qofa argamu babal’isuu dabalatee Tuurizimii fayyaa karoorfame galmaan ga’uun faayidaan diinagdee akka damee kana irraa argamuu danda’u illee akeekaniiru.

‎Giddu gala Istirookii ijaaramu kanaaf lafa dhiyeessuurraa jalqabee deggersa garaa garaa akka taasisanis Aadde Adaanach ibsaniiru.

‎Jiraattoonni magaalaa Finfinnee Istirookii dabalatee dhukkuboota hin daddabarre biroo dursanii ittisuuf daandiiwwan kanumaaf yaadamanii hojjatamanitti akka dhimma bahan akkasumas giddu galoota Ispoortii keessatti akka sochii qaamaa taasisan yaadachiisuu isaanii odeeffannoon miidiyaa hawaasaa isaanii irraa arganne ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply