Godambaan Saayinsii barattootaaf kaffaltii seensaa dhibbeentaa 50’n hir’ise

You are currently viewing Godambaan Saayinsii barattootaaf kaffaltii seensaa dhibbeentaa 50’n hir’ise

AMN Plus – Onkoloolessa 15/2018

Godambaan Saayinsii magaalaa Finfinnee keessa jiru barattoota gareedhan dhufanii daawwataniif kaffaltii kana duraa irraa dhibbeentaa 50 gadi buusuu Korporeshiniin Paarkiiwwan Tokkummaa beeksise.

Bakka ga’umsaa paarkiiwwan tokkummaa keessaa tokko kan ta’e Godambaan Saayinsii Dhaloonni sadarkaa Tekinolojii biyyi irra geesse akka hubatuufi qalaqa irratti akka gahoomu gochuu irratti argama.

Kaffaltii Seensaa %50’n hir’ate kana sababeeffachuun guyyaa jalqabaaf barattoonni manneen barnootaa gara garaa irraa walitti ba’uun daawwataniiru.

Kaayyoon isaas barattoonni gareedhaan dhufuun Ogummaa kalaqaafi barnootaa isaanitiin ga’oomoo akka ta’aniif ta’uu Korporeshinii Paarkiiwwan Tokkummaatti Ogeessi Qunnamtii Uummataafi Komunikeeshinii Obbo Geetachoo Bayyanaa dubbataniiru.

Barattoonni manneen barnootaa magaalaa Finfinneefi gutummaa biyyatti keessatti argaman dhufanii Godambaa Saayinsii kana akka daawwataniifis waamicha dhiheessaniiru.

Geetaahun Katamaatu Gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply