Godina Shawaa Kibba Lixaatti lammiiwwan balaa lolaa laga Awaashiin miidhamaniif gargaarsi taasifamaa akka jiru himameera.

You are currently viewing Godina Shawaa Kibba Lixaatti lammiiwwan balaa lolaa laga Awaashiin miidhamaniif gargaarsi taasifamaa akka jiru himameera.

‎AMN PLUS- Hagayya 03/2017

‎Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kibba Lixaatti lammiiwwan sababaa lolaa laga Awaashiin miidhamaniif gargaarsi taasisamaa akka jiru himameera.

‎Lagni Awaash guutuun tibbana balaa lolaa qaqqabsiiseen Naannoo Oromiyaa Aanaalee Sabbataa Hawaas, Dawaa fi Iluu, akkasumas Godina Shawaa Lixaa Aanaalee Ejeree, Wal maraa fi Ejersa Lafoo irratti miidhaa qaqqabsiisee jira.

‎Akka Itti aanaan Bulchaa Godina Shawaa Kibba Lixaa obbo Sintaayyoo Laggasaa jedhanitti lolaa sababaa guutuu laga Awaashiin uumame aanolee Sadii keessatti lammiilee hedduu irratti miidhaa qaqqabsiiseera.

‎Erga balaan kun mudatee kaasee lubbuu fi qabeenya lammiilee baraaruuf nuffii tokko malee Buusaa Gonofaa Oromiyaa fi dhaabbilee biroo waliin qindoominaan hojjachaa akka turan himan.

‎Lammiileen bishaaniin marfamanii turan kuma 22tti siqan baafamanii gargaarsi akka taasifame dubbataniiru.

‎Lammiileen qe’ee isaanii irraa buqqa’an hanqina dawoo, bishaan dhugaatii qulqulluu fi nyaataa akka isaan hin mudanneef tattaaffiin taasifamaa akka jiru kan ibsan Obbo Sintaayyoon, miidhaan qaqqabe hammaataa waan ta’eef, mootummaa naannoo fi federaalaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa akka jiran beeksisan.

‎Namoonni balaa kanaan miidhaman akka jedhanitti, laga Awaash lola’aa tureen manni isaanii fi lafti qonnaa isaanii haalaan miidhameera.

‎Namoota miidhaman keessaa Obbo Daammanaa Qananii akka jedhanitti; lagni kun kanaan dura miidhaa geessisee kan ture ta’us, hamma ammaa kana hamaa akka hin taane himanii, gargaarsa argachaa akka jiran itti dabaluun ibsaniiru.

‎Qaamoleen garaa garaa gargaarsa taasisan akka cimsanii itti fufan waamichi dhiyaachuu isaa Tajaajila Oduu Itoophiyaa’tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply