Godina Wallagaa Lixaa Magaalaa Gimbiitti mana barumsaa sadarkaa lammaffaa moodeela ta’e ijaaruuf dhagaan bu’uuraa kaa’ame

You are currently viewing Godina Wallagaa Lixaa Magaalaa Gimbiitti mana barumsaa sadarkaa lammaffaa moodeela ta’e ijaaruuf dhagaan bu’uuraa kaa’ame

AMN PLUS- Guraandhala 27/2017

Godina Wallagaa Lixaa Magaalaa Gimbiitti mana barumsaa sadarkaa lammaffaa moodeela ta’e ijaaruuf dhagaan bu’uuraa kaa’amuun ibsameera.

Ministirri Barnootaa Prof. Biraanuu Naggaa fi Itti Gaafatamaan Biiroo Barnootaa Naannoo Oromiyaa Tolaa Bariisoo (Dr.) dhagaa bu’araa kaa’aniiru.

Ministirichi dhagaa bu’uuraa wayita kaa’an, qulqullina barnootaa Itoophiyaa fooyyessuuf tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran keessaa tokko bu’uuraalee misoomaa manneen barnootaa fooyyessuu akka ta’e ibsaniiru.

Ministeerri Barnootaa manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa moodeela bu’uuraalee misoomaa guutuu qaban ijaaruuf hojjechaa jiraachuu eeruun manni barumsaa kunis qaama moodeela ijaaruuf kararoofame keessaa tokko ta’uu eeraniiru.

Hogganaan Biiroo Barnootaa Naannoo Oromiyaa Tolaa Bariisoo (Dr.) manneen barnootaa sadarkaa fooyya’aa fi bu’uuraalee misoomaa guutuu qaban ijaaruun qulqullina barnootaa mirkaneessuuf gumaacha olaanaa kan qabu dha jechuu isaanii Ministeera Barnootarra odeeffanne.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply