Magaalli guddoo ammayyaan guddina dinagdee biyyaatiif gumaacha guddaa qaba – Obbo Zamadeeneh Nigaatu

You are currently viewing Magaalli guddoo ammayyaan guddina dinagdee biyyaatiif gumaacha guddaa qaba – Obbo Zamadeeneh Nigaatu

AMN – Amajjii 8/2017

Magaalaa ammayyoofte uumuuf hojiin misooma kooridarii Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiru misooma magaalli guddoon tokko barbaaddu guutamaa jiraachuusaa kan mul’isu ta’uu ogeessi dinagdee obbo Zamadeeneh Nigaatuu dubbataniiru.

Obbo Zamadeeneh turtii AMN Dijitaal waliin taasisaniin pirojektoonni Finfinneetti ijaaramaa jiran jijjiirama barbaadamu fiduuf gahee kan qaban ta’uu ibsaniiru.

Finfinneen teessoo hawaasa diippilomaasii waan taateef magaalaa maqaa ishee fakkaattu uumuuf hojiin hojjetamaa jiru, ammayyummaa fi qulqullina kan qabu ta’uu ibsaniiru.

Manneen jireenyaa misooma kooridooriitiif diigaman, keessa jiraachuuf mijataa akka hin turre eeruun jiraattonni amma mana jireenyaa fooyya’aa argachuun isaanii gocha galateeffamuu qabu jedhan Obbo Zamadeeneh Nigaatuu.

Teessoo Gamtaa Afrikaa Finfinnee irraa kaasuuf dhiibbaan taasifamaa akka ture yaadachiisuun hojiin amma hajjetame kun keessumotta yaa’ii Gamtaa Afrikaa bara kanaa irratti hirmatan turtii isaanii akka dheeressan kan taasisu ta’uus dubbataniiru.

Kunimmoo tuurizimii biyyattiitiif galii guddaa kan galchu ta’uus eeraniiru.

Warqinaa Abbiyootu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply