Kenna tajaajilaa si’ataa, qaqqabamaafi qulqulluu ta’e uummanni akka argatu taasisuuf gurmaa’insa caasaa Gandaa bu’uuressuun murteessaadha.
Gurmaa’insa haaraa lafa qabsiisuufi hojiirra oolchuun qindoominni cimaan akka jiraatu taasisuun hariiroo Mootummaafi uumataa olkaasuun miira tokkummaafi misoomawaa jajjabeessuun sochiin hawaas diinagdeefi siyaasaa akka milkaa’u kan taasisudha.
Kanaanis humni raawwachiisummaa akka cimu kan taasisuufi fayyadamummaa uummataa mirkaneessuu keessattis shoora olaanaa qaba.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas kana bu’uura godhachuun uummanni dhiyeenyaan tajaajila qaqqabamaa, qulqullinaafi saffisaa ta’e akka argatuuf gurmaa’insa haaraa sadarkaa gandaatti gadi buusuun fayyadamummaa uummataa toora hundaan milkeessuuf hojjechaa jira.
Gurmaa’insi haaraan sadarkaa gandaatti gadi bu’uun uummanni dhiheenyatti baasiifi dhamaatii garaa garaa irraa baraaruu bira darbee gaaffiiwwan uummanni bu’uuraalee misoomaa irratti qabuuf deebii qabatamaa kennuun guddinaafi misooma Naannichaa ariifachiisuu keessattis bakka guddaa kan qabuudha.
Kanaaf Gurmaa’insa haaraa bu’uuressuun hariiroo mootummaafi uummata gidduu jiru kan cimsu, misooma kan saffisiisuufi sochii hawaas dinagdeefi siyaasaa milkeessuun karoora jijjiirama hunda galeessa akka biyyaafi naannootti qabamee hojjetamaa jiru galmaan gahuu keessatti bakka olaanaa kan qabuudha.
Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa irraa odeeffanne.