AMN PLUS- Bitootessa 2/2017
Gurmaa’insi gandaa haaraan hawaasni tajaajila si’ataa, haqa qabeessaafi iftoomina qabu dhiyeenyatti akka argatu taasisaa akka jiru Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa ibseera.
Mootummaan naannoo Oromiyaa rakkoo kenna tajaajilaafi bulchiinsa gaarii naannichatti mul’ataa jiru bu’urarraa furuun hawaasni tajaajila si’ataa,haqa qabeessafi iftoomina qabu qabeenyaafi yeroo osoo hin qisaasessin dhiyeenyatti tajaajila barbaadu argachuu akka danda’uuf gurmaa’insa sadarkaa gandaatti gadi buuseera.
Haaluma kanaan iddoowwan baay’eetti bu’aa abdachiisaan mul’atanii jiraachuu Biirichi ibseera.
Yeroo adda addaatti sochiin gurmaa’insa haaraa irra jiru hooggansa sadarkaan jiruun daawwatamaa jiru.
Haaluma kanaan guyyaa har’aa sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti Qindeessaa Kilaastara Baadiyaa Naannoo Oromiyaa Obbo Addisuu Araggaa sochii gurmaa’insa haaraa gandaa fi hojiiwwan misoomaa garaa garaa Godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Iluutti hojjatamaa jiran daawwatanii jiru.