Haalli qabatamaan Itoophiyaa yeroo ammaa, guddina saffisaa malee seenaa namoonni hedduun beelaan du’an miti – Dooktar Abiyyi Ahimad

AMN- Sadaasa 17, 2017

Haalli qabatamaan Itiyoophiyaa yeroo ammaa,guddina saffisaa malee seenaa namoonni hedduun beelaan du’an miti jedhan Ministirri Muummeen FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Muuziqaa bara 1977 beela Itiyoophiyaa mudate hordofee galii walitti qabuuf ‘Do they know its Christmas?’ jedhamuun sirbame har’a gadi lakkisuun imala Itiyoophiyaa yeroo ammaa kan hin hubannee fi seenessa maqaa biyyattii balleessuuf gaggeeffamu ta’uu Dooktar Abiyyi ibsaniiru.

Dooktar Abiyyi Ahimad Weelluu waggaa 40 duraa har’a yaadannoof gadi lakkisuun faayidaa isaarra miidhaan isaa kan caalu ta’uu dubbachuu TOI Gaazexaa ‘The Times’ wabeeffachuun gabaaseera.

Itoophiyaan yeroo amma akka yeroo sana Muuziqicharratti weellifamte osoo hin taane biyya guddina ariifachiisaa galmeessaa jirtu ta’uu hubatamuu akka qabu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad eeraniiru.

Muuziqichi yeroo sanaaf hojiin hojjete kan galateeffamu ta’us har’a yeroo faana kan hin deemne,faayidaa isaarra miidhaan isaa caalu ta’uu kaasaniiru.

Muuziqichi haala qabatamaa Itoophiyaa yeroo ammaa kan wal hin ginne seenessa maqaa biyyattii xureessu ta’uu ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply