Guyyaa Sabootaafi Sablammootaa 19ffaa sababeeffachuun dorgommiin gaaffiif deebii geggeeffamaa jira

AMN – Sadaasa 17/ 2017

Biiroon Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee guyyaa Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa 19ffaa sababeeffachuun dorgommii gaaffiif deebii barattoota manneen Barnoota magaalichaa gidduutti qopheesse gaggeeffamaa jira.

Dorgommichi barattoota kutaa 8ffaa gidduutti kan gaggeffamu yoo ta’u mata dure “Waliigalteen biyyaalessaa tokkummaa sabdaneessummaaf” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Dorgommiin gaaffiif deebii akka magaalaatti gaggeffamaa kan turee fi Kabaja Ayyaana saboota, sablammootaafi Uummattota Itoophiyaa sababeeffachuun guyya hardha dorggommii xumuraaf kan qophaa’e dha.

Dorgommichi dhaloota jaalala biyya qabu uumuuf kaayyeffatee qophaa’uus himameera.

Wangeel Faqqadaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply