AMN Onkololeessa 10, 2017
Haleellaa Israa’el kaaba Gaazaa magaalaa Be’it Lahiyaa jedhamtu keessatti raawwatteen yoo xiqqaate namoota 87 ajjeeffamuu aanga’oonni himan.
Halleellaa boombii Dilbata galgala raawwate booda namoonni hedduun kan miidhaman yoo ta’u, hedduun isaanii ammallee caccabaa gamoo jalatti ukkamfamanii akka jiran qondaaltonni itti dabaluun ibsan.
Israa’el miidhaa gahe qorachaa akka jirtu ibsuun, garuu qondaaltonni Hamaas odeeffannoo hin jirre ”arbeessuun” waan waraanni ishee raawwate waliin wal hin simne qooduu himatte.
Lolli Libaanos keessattis itti fufee jira. Israa’el naannoo kibba Beerut keessatti haleellaa qilleensaa marsaa biraa kan raawwatte yoo ta’u, jiraattonni naannoo lamaa akka baqatan Israa’el ajjaja kenniteerti.
Akka waraanni Israa’el jedhutti, humni qilleensaa ishee guyyaa darbe keessa Gaazaa fi Libaanos keessatti bakka dahoo waaraan gara 175 rukute jetti.
Maddi: BBC