Haleellaa lammiileen Filisxeem lama buufata konkolaataa Yerusaalemitti raawwataniin lubbuun namoota 6 darbeera.
Haleellaan seensa magaalattii irratti raawwatame kun yeroo lubbuu namaa galaafatu waggoota muraasa keessatti Isa jalqabaati jedhameera. Qondaaltonni fayyaa Yerusaalem akka jedhanitti, namoota du’aniin alatti namoonni 11 madaa’aniiru.
Pireeizdaantiin Filisxeem Maahmuud Abbaas haleellaa lammiilee Filisxeemii fi Israa’el irratti raawwatamu kamiyyuu akka balaaleffatan beeksisaniiru. Raayyaan Ittisa Israa’el namoota shororkeessummaan shakkaman Ramaalaah fi Weest Baankii keessatti barbaadaa jira.
Haleellaa wal fakkaataan bara 2024 Tel Aviv keessatti kan raawwatame yoo ta’u lubbuun namoota 11 darbuun isaa ni yaadatama.