Haleellaan Israa’el Kaataar irratti raawwatte Ameerikaa mufachiiseera- Maarkoo Ruubiyoo

You are currently viewing Haleellaan Israa’el Kaataar irratti raawwatte Ameerikaa mufachiiseera- Maarkoo Ruubiyoo

AMN PLUS- Fulbaana 5/2018

Haleellaan Israa’el Kaataar irratti torban darbe keessa raawwatte Ameerikaa mufachiisuu isaa Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa, Maarkoo Ruubiyoo, Ministira Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuutti himanii jiru.

Maarkoo Ruubiyoon Tel Aviv’tti argamuun Netaaniyaahuu wajjin taasisan irratti, “Waan Israa’el taasiste nu hin gammachiisne. Pirezidaanti Tiraampis mufataniiru. Amma fuulduratti deemuufi tarkaanfii akkamii fudhachuu akka qabnu mari’achuu qabna” jedhaniiru.

Ruubiyoon Israa’elitti argamuun Tiraampi mufachuu isaanii kan ibsan, erga anga’ootni biyyoota Arabaa marii taasisuun deeggersa Kaataariif qaban mul’isan booda akka ta’e beekameera.

Anga’ootni biyyoota Arabaa hawaasni idil addunyaa Israa’el akka adabamtuuf dhiibbaa taasisuu qaba jechuun gaafataniiru.

Israa’el hooggantoota olaanoo Hamaasirratti xiyyeeffachuun Kaataar keessatti haleellaa xiyyaaraa taasisuu ishee ibsitus, Pirezidaanti Doonaald Tiraampi, michuu Ameerikaa kanatti bu’uu Israa’elitti hin gammadne.

Gama biraan, Ruubiyoofi Nenaaniyaahuun karoora Israa’el Gaazaa to’achuuf taasistuufi Weest Baankitti lammiilee ishee qubachiisuuf qabdu irratti akka mar’iatan eegama.

Akka ibsa Israa’elitti namootni kuma 200 fi kuma 50 ol ta’an Gaazaa dhiisanii kan ba’an yommuu ta’u kanneen Kuma dhibbaan lakkaa’aman ammas achumatti argamu.

Michootni Ameerikaa akka Ingilaandi, Faransaay, Kaanaadaa, Awustiraaliyaa fi Beeljiyem Filisxeemiif beekamtii biyyummaa kennuuf torban dhufu keessa Yaa’ii Biyyoota Gamtoomanii adeemsifamu irratti kan mari’atan yoo ta’u, marii Ameerikaafi Israa’el irraa hireen egeree Weest Baankiifi birmadummaa Filisxeem ammas yaada falmisiisaa “Boriif haa bulu” jedhamuu malu akka ta’e xiinxaltooni ni ibsu.

Wayita Ruubiyoon Israa’elitti daawwannaa taasisaa jiran kanatti haleellaan Gaazaatti taasifamu cimee itti fufeera jedhame.

Ruubiyoon magaalaa Israa’eliifi Filisxeem wal falmisiisu daawwachuun isaaniis ija siyaasaan kan ilaalamu jechuun kanneen qeeqan jiraachuu BBC fi Reuters gabaasaniiru.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply