Hambaaleen biyya hambaa jiran akka deebifamaniif hojjatamaa jira

You are currently viewing Hambaaleen biyya hambaa jiran akka deebifamaniif hojjatamaa jira

‎AMN PLUS – Hagayya 18/2017

‎Hambaaleen sababoota adda addaatiin Itoophiyaa keessaa baafaman akka deebifamaniif xiyyeeffannoon addaa kennamee hojjatamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Hambaalee Itoophiyaa beeksise.

‎Daayirektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Gargaaraa Piroofeesara Ababaawu Ayyaalewu, hambaaleen harka dhaabbilee fi namoota dhuunfaa bira jiran deebisiisuuf, hambaaleen kunneen eessa akka jiranii fi eenyu waliin akka jiran adda baasuuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

‎Hojii kana keessattis sanada argame Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO)’tti akka ragaattti akka dhiyeessu Abbaan Taayitichaa beeksiseera.

‎Hambaalee tokko tokko akka caalbaasiitti hin dhiyeeffamne taasisuun deebisiisuu akka danda’ame ibsaniiru.

‎Bara baajataa darbe keessa gaachana Mootii Teediroos, Kaabbaan Raas Dastaa Daamxoo, Niishaaniin Urjii Itoophiyaa fi kanneen biroo caalbaasii irraa buufamanii deebifamuu isaanii yaadachiisaniiru.

‎Waggoota shanan darban keessatti tattaaffii taasifameen hambaaleen hedduun deebifamuu isaanii hubachiisaniiru.

‎Hambaaleen namoota dhuunfaa adda addaa harka jiran fedhii isaaniitiinis ta’e mariidhaan deebisiifamuu isaanii Daayirektarri Olaanaan Abbaa Taayitichaa ibsaniiru.

Hambaalee uumamaa fi aadaa haaraa fi ulaagaa sadarkaa idil-addunyaa guutan UNESCO’tti galmeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

‎Isaan keessaa Alnajaashii, Buna, Waazaa ykn Zumbaaraa, Feestivaala Guluffii Fardaa Agawu, Seeraa Halaabaa, Qoccoo/Warqee fi hambaalee biroo galmeessisuuf sanadni qophaa’aa akka jiru ibsuu isaanii TOI’tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply