Yaa’ii Federeeshinii Magaalota Tuurizimii Addunyaa Hoongi Koongitti taa’aamaa jiruun gaaffiin miseensummaa Magaalaan Harar dhiheessite fudhatama argateera.
Pirezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii marsaa hawasaa isaaniirratti ibsa kennaniin Magaalli Harar miseensa Federeshinichaa Magaalota Tuurizimii ta’uunshee magaalattii magaalota biro waliin walitti hidhamiinsa uumuun waliin hojjachuuf, akkasumas damee tuurizimiitiin dadamqinsa uumuf humna guddaadha jedhaniiru.
Harar ALA bara 2023 miseensa magaalota haambaa idil addunyaa taate galmeeffamuun ishee ni yaadatama.