Harka namaa ilaaluufi gargaaramummaa dhabamsiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Finfinnee Obbo Mogos Baalchaa himan

You are currently viewing Harka namaa ilaaluufi gargaaramummaa dhabamsiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Finfinnee Obbo Mogos Baalchaa himan

AMN Plus Waxabajjii 10/2017

Biiroon Hojiifi Ogummaa Magaalaa Finfinnee Komishinii Misooma Qonna Magaalaafi Qonnaan Bultootaa Magaalichaa akkasumas Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii waliin ta’uun lammiilee kanaan dura deeggersa seeft neetii jala turan gargaaramummaa irraa gara oomishtummaatti ce’an hojii eegalchiiseera.

Sagantaa kanaanis lammiilee kanaan dura deggersa seeft neetiin jiraachaa turan kunneeniif kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti sheediin qophaa’uun horsiisa lukkuu eegalaniiru.

Saganticha irratti argamuun haasawa kan taasisan Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Finfinnee Obbo Mogos Baalchaa, badhaadhinaa hunda galeessa biyyattii milkeessuuf mootummaan halkaniifi guyyaa hojjechaa jiraachuu himanii,kanaanis bu’aa olaanaan galmaa’aa jira jedhan.

Harka namaa ilaaluufi gargaaramummaa dhabamsiisuuf bulchiinsi Magaalaa Finfinnee sagantaa garaagaraa diriirsuun hojjechaa jira kan jedhan Obbo Mogos, sagantaan lammiilee deeggersa seeft neetiin jiraachaa turan kanneen gara oomishtummaatti ceesisuun kunis milkaa’ina keenyaaf murteessaadha jedhan.

Jiraataa Biyyanaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply