Yaa’ii hooggantootaa Gamtaa Afrikaa baranaa haala fooyya’aa ta’een keessummeessuuf qophiin taasifamaa jira – Kantibaa Adaanecha Abeebee

You are currently viewing Yaa’ii hooggantootaa Gamtaa Afrikaa baranaa haala fooyya’aa ta’een keessummeessuuf qophiin taasifamaa jira – Kantibaa Adaanecha Abeebee

AMN- Sadaasa 17/2017

Yaa’ii hooggantootaa Gamtaa Afrikaa baranaa haala fooyya’aa ta’een keessummeessuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanecha Abeebeen ibsan.

Bu’uuruma kanaan har’a abbootii hoteelotaa fi qaamolee damichaa waliin mari’anneerra jedhan.

Gaarummaa Itooohiyummaa fi keessummaa simachuu guddisnee mul’isuun tajaajila olaanaan laachuuf qophoofneera jedhan.

Magaalaa giddu gala tuurizimii fi konfiraansii taasisuuf hojii eegalle daran cimsuun yaa’ii hooggantoota Gamtaa Afrikaa qofa osoo hin taane yaa’ilee biroo Afrikaa fi idil-addunyaa guguddaa gara magaalaa Finfinneetti akka dhufan gahee isaanii akka bahatan abbootii qabeenyaa damicha irratti hirmaatan waliin walii galleerra jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply