Hawaasni qoricha seeraan alaa “RELIEF” jedhamu fayyadamuu irraa akka of qusatu waamichi dhiyaate

AMN- Sadaasa 13/2017

Hawaasni qoricha seeraan alaa “RELIEF” jedhamu fayyadamuu irraa akka of qusatu Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Qorichaa Itoophiyaa akeekachiisera.

Qorichi seeran alaa kun ofkeessatti (Diclofenac, paracetamol, chlorpheniramine and magnesium trisilicate) akka qabu kan shakkamu yoo ta’u gabaa biyyatti keessatti bal’inaan naanna’aa jiraachuu isaa abbaan taayitichaa ifomseera.

Qorichi kun karaa seeraan abbaa taayitichaan waan hin galmoofneef qulqullinni, nageenyi isaa fi bu’a qabeessummaan isaa akka hin beekamne hubachiiseera.

Qoricha kana yeroo dheeraaf fudhachuun miidhaa cimaa kan akka fedhii nyaataa dhabuu, dhibee garaachaa, garaa kaasaa, ol-deebisuu, hirribaa dhowwuu, miira dadhabinaa, arguu dadhabuu, mataa bowwoo, inzaayimii tiruu keessa dabaluun kale irratti midhaa fiddu akka danda’u ibsameera.

Qoricha kana yeroo dheeraaf fayyadamuun carraa dhibee kalee, tiruu, dhukkuba onnee fi dhiigni sammuu keessatti dhangala’uu akka dabaluu kan taasisuu ta’uu isaa Abban Taayitichaa akeekkachiisera.

Kanaaf ummanni qoricha kana fayyadamuu irraa akka of qusatu dhaamameera.

Hawaasni qoricha kana naannoo jiraatutti yoo arge, Abbaa Taayitaa Nyaataa fi Qoricha Itiyoophiyaa ykn qaamolee to’annoo fayyaa naannoleef lakkoofsa bilbila bilisaa 8482 irratti akka eeruu kennu Abbaan Taayitichaa waamicha dhiyeessuu isaa odeeffannoon fuula hawaasummaa Abbaa Taayitichaarra arganne ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply