Milkaa’inni Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa agarsiiftuu tumsaa fi kutannoo akka ta’e miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa dubbataniiru.
Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa dandeettii waa hojjechuu itti mul’atedhas jedhaniiru.
Itoophiyaan faayidaa waliinii Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa irraa kan argattuufi tokkummaadhaan seenaa hojjechuun akka danda’amu kan itti mirkanaa’e ta’us ibsaniiru.
Letanaale Koloneel Deestaa Daanaa, yaada kennaniin, Hidhi Haaromsa Itoophiyaa qabeenya lammiilee Itoophiyaatiin kan ijaarame qabeenya nama hundaafi hambaa bara keenyaati jedhaniiru.
Itoophiyaanonni qindoominaan kan milkeessan qabeenya biyyaa kan ta’e hidha haaromsaa dhugoomsuu keessatti ga’ee guddaa raayyaan ittisa biyyaa qabus cimsanii dubbataniiru.
Raayyaan Ittisa Biyyaa erga hidhaan Kun ijaaramee kaasee nageenya isaa mirkaneessuuf halkanii guyyaa hojjechaa akka tures Letanaale Koloneel Deestaan ibsaniiru.
Hidhichi xumuramuun Itoophiyaanotaaf oduu gammachiisaa akka ta’e hubachiisun qabsoon raayyaa ittisa biyyaas qabatamaan mul’ate eeraniiru.
Kumalaa Aschaalaw Nyaanyuukeen hidhichi raayyaa ittisa biyyaaf hiika addaa akka qabu ibsuun, raayyaan ittisa biyyaa yeroo hunda hidha kana eegaa akka jiranis dubbataniiru.
Hidhi Haaromsa guddichi Itoophiyaa loltootaaf dhiigafi wabii lubbuu isaanii akkasumas bu’uura birmadummaa lammiilee Itoophiyaa akka ta’es himaniiru.
Hidhi Haaromsa Guddichi Itoophiyaa injiffannoo Adwaa lammaffaa kan dhalootaa kana ta’uu Kumalaa Sintaayyoo Lammaa dubbataniiru.
Hidhichi tokkummaa Itoophiyaafi miira waa danda’uu qabatamaan kan itti mul’ate ta’uu akkasumas ashaaraa nama hundaa kan irra jiruufi mallattoo tokkummaa akka ta’e agarsiisas jedhaniiru.
Lammiileen Itoophiyaa yoo tokkummaan ka’an wanni isaan hin milkeessine akka hin jirre hidhi haaromsa guddichi Itoophiyaa ragaa akka ta’e akeekuu isaanii TOI gabaasera.